Barumsa Fayyaa

Barumsa Fayyaa

Share

14/05/2026

DHUKKUBBII MADAA'UU GARAACHAAF:
******************************************

● Qorichoota dhukkubbii woyyeessan NSAIDs irraa of qusachuu.
Qorichoota dhukkubbii woyyeessuuf fayyadan kanneen NSAIDs jedhaman (Diclofenac, Ibuprofen, Indomethacin) yoo fudhachuun dirqama ta'eef filannoon biraa hin jirre ta'e malee fayyadamuu irraa of qusachuu.

● Dhiphinnaaf Cinqaa to’achuu.
Dhiphinni madaafii mallattoolee madaa garaachaa hammeessuu danda’a. Sababaaf madda dhiphinnaf cinqaa kee adda baasuun wontoota san furuuf waan dandeettu godhi. Dhiphinni tokko tokko kan hin oolle ta’ullee; sochii qaamaa (ispoortii), hiriyyoota jaalattu wajjin yeroo dabarsuun ykn waan si gohaarsu gochuun Dhiphinnaafi Cinqaa of irraa hirdhisi.

● Tamboo/sigaaraa hin xuuxinaa.
Tamboo xuuxuun garaachi akka madaa godhatu gochuu danda’a. Tamboo xuuxuun asiidii garaachaas ni dabala. Dabaluun isaa ammoo mallattoolee dhukkubbi madaa garaacha san namatti hammeessa.

● Alkoolii daangessuu ykn irraa fagaachuu.
Alkoolii garmalee fayyadamuun garaachi akka kulkulfannaa godhatuuf wonti akka furri (mucus) keessa garaachaa haguge jiru akka baduufi madaa'ee akka dhiigu gochu danda'a.

● Nyaata kudraaf mudraa faayibara qaban kanneen madaa'uu garaachaa hir'isan nyaachuu.
Nyaatni mallatoo dhukkuba garaachaa namatti fiduuf nama irraa woyyeessu namaa namatti garagara. Haa ta'u malee, qorannooleen akka agarsiisanitti nyaanni faayibara (fiber) baay’ee qabu (fuduraaf kuduraleen, talbaa jira fa'a fayyadamuun) carraa dhukkuba madaa garaachaan qabamuu ni hir’isu

● Akkasumaalee nyaata qibaatiin (zayitii fi ykn dhadhaan) itti baay'ate fayyadamuun namoota heedduu irratti mallatto dhukkuba madaa garaachaa kana itti hammeessuu danda'a. Kanaaf haala nyaataa akka dhuunfaa keenyatti nuuf mijatu adda baasuun filannoo nyaataa keenna sirreeffachuun barbaachisaadha.

---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
©️ Dr. Nuredin Luke

01/05/2026

HIRRIBA GA'AA RAFUU DHABUUN miidhaalee akkamii geessisaa?

1. Sammuu keenya adoocha. Daandeetti yaaduu, yaadachuu, xiinxaluu fi madaaluu hir'isa.

2. Dhukkuboota hedduuf akka salphaatti akka saaxilamnu taasisa. Kanneen keessaa: Dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa fi sammuu keessatti dhiigni itituu ykn dhiiguu.

3. Balaa tasaaf nama saaxila. Fkn. Balaa konkolaataa namarraan ga'uu yokaan namarra ga'uu.

4. Fedhii walqunnaamtii saalaa gadi buusa. Keessumaa dubartootaaf hirriba ga'aa hin rafne taanaan fedhiin walqunnaamtii saalaa dhabu.

5. Dhiphina sammuu fida. Namni yeroo ga'aa hin rafne turtii keessa sammuun isaa ofjibbuu, gadda fi dhiphina keessa seenaa deema.

6. Gogaan keenya dafee dulloomaa akka deemu taasisa. Kunis akkuma namni tokko yoo hirriba dhabu bulee ganama daalachaa'u turtii yeroo keessa immoo gogaan isaa miidhamaa deema.

7. Sammuun keenya waan hojjetaa oolle akka dafee irraanfatu godha. Sammuun keenya yoo rafnu waan guyyaa hojjetaa oolle process/xiinxalaa bula. Hirribni dhabamnaan kun hafeeti waan hinda hirraanfata.

8. Ulfaatinni qaamaa akka dabalu godha. Kunimmoo miidhaa kan biroo hedduuf nama saaxila.

9. Carraa dhukkuboota gara garaan du'uu dhala namaa olkaasa. Research biyya Englanditti hojjetame tokko akka ibsutti namoonni hirriba ga'aa argatan umuriin isaanii isaan hin arganne caalaa dheeraadha.

10. Murtoo kennuu irratti sammuu keenya dogoggorsa.

Fayyaan Faaya

Dr Ilias Abdella hordofuu hin dagatinaa!!

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Addis Ababa
ADDISABABA