SOG Studio

SOG Studio

Share

27/09/2024

Nagaa Nagaa Nagaa!!! rakkoon tokko hin jiru
Hin bari'a hin dhihaas akkasumas boru

t.me/sogproduction
https://youtu.be/9TtDMDfFw-4?si=zKertCWoAfxf16BQ

25/09/2024

BARNOOTA 13FFAA
GOOFTAAN DU'AA KA'E

ROOBII Fulbaana 25
Maariyaamiifi Namoota Birootti Mul'achuu
Maarqos 16:9-20 dubbisi. Heertuun kun seenaa du'aa ka'uutti maal dabala?

Maarqos 16:9-20 heertuu Kakuu Haaraa biroo wajjin wal fakkaata jechuun ni danda'ama Maariyaam Magdalaan awwaala biratti Yesusiin argitee (Mat. 28:1, 9, 10; Yohaannis 20:11-18; Luqaas 8:2 wajjin wal bira qabi); namoonni lama baadiyyaatti isa argan (Luqaas 24:13–35); warri kudha tokkoo in ergaman (Mat. 28:16-20, Luqaas 24:36-49, Yohaannis 20:19-23).

Namni jalqaba Yesusiin Jireenyatti arge Maariyaam Magdalaa turte (Yohaannis 20:11-18). akkasumas dubartoonni kaanis Isa arganiiru (Mat. 28:8-10). Namoonni jalqaba Gooftaa du'aa ka'e argan dubartoota ta'uun isaa waan guddaadha. Sababni isaas addunyaa durii keessatti dubartoonni akka dhuga baatotaatti gita olaanaa hin qaban turan, yoo seenaan kun kan qopheefame ta'e akka dhuga baatota jalqabaatti dhiirotatu maqaa dha'ama ture. Garuu dhiirota miti, dubartoota malee warra kudha lamaanii miti. Isheen oduu gammachiisaa bartootatti himuuf adeemte, garuu isaan dhuga ba'umsa

ishee amanuu diduun kan nama ajaa'ibu miti, sababni isaa Maariyaam dubartii waan turteef.

Warri Seenaa du'aa ka'uu Yesus ibsan dhugaa isa dubartoonni warra jalqaba Yesusiin argan ta'uu isaanii seenicha dhugoomsuuf akka ragaa humna qabeessaatti dhimma itti ba'aniiru.

Yoo kun seenaa uumamee qophaa'edha ta'e wanta Maarqos 16:14 irratti ta'e wanta hiika hin qabne kan godhu maal?

Dhugaadha, utuu isaan seenaa sana totolchanii qopheessanii maaliif haal gadhee keessa akka jiran fakkaatanii mul'atu? Yesus isaan ceepha'uu qaba ture "garaa jabaa" isaanii. Seenaa Wangeelaa, yeroo qabamuu isaa irraa jalqabee hamma d'aa ka'uu booda inni mul'atuutti, hordoftoota Yesusiin haala baay'ee alta'aa (nagetiiva) ta'een argisiisa: baqachuu, ganuu, amanuu dhabuu fi kkf. Yoo seenaan kun tolfamee qophaa'e ta'e kun hiika hin qabu.

Faallaa kanaatiin, Kiristoos isa du'aa ka'ee fi abdii inni nama hundumaaf kennu ilaalchisanii labsiin ija jabinaafi kan hin raafamne boodarra isaan dabarsan dhugummaa wanta isaan dubbachaa jiraniif ragaa humna qabeessa dhi'eessa.

Kiyyoo hafuura shakkii fi amanuu dhabuu keessatti akka hin kufneef akkamitti of eeguu dandeenya? Mataa keenya guyyaa guyyaan Kiristoos isa du'aa ka'etti hidhuu kan nuyi qabnuuf maaliif?

t.me/sogproduction

Want your business to be the top-listed Photography Service in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Addis Ababa