Shagar Post

Shagar Post

Share

18/04/2026

Itoophiyaan Dinagdee Magariisaa Lafa Qabsisaa Jirti

Itoophiyaan tarsiimoo guddina itti fufiinsa qabu irratti hundaa’e hojiitti hiikuun, dinagdee magariisaa ijaaruuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhachaa jirti. Karoora biyyoolessaa Climate Resilient Green Economy (CRGE) diriirsuun, guddina diinagdee saffisaa fi eegumsa naannoo walitti fiduuf hojii bal’aan hojjetamaa jira. biyyattiin humna anniisaa haaromfamuu danda’u irratti hirkachuun fooyya’iinsa guddaa galmeessisaa jirti. Pirojektiin akka hidha haroomsaa guddicha (Grand Ethiopian Renaissance Dam GERD) humna ibsaa guddisuu qofa osoo hin taane, gadi bu’iinsa qilleensa dioksaaidii kaarboonii keessatti shoora olaanaa qaba.Akkasumas, misoomni magaalaa fi industirii haala magariisaa irratti hundaa’e saffisaan babal’achaa jira. Ijaarsi manneen anniisaa qusatan, geejjiba elektirikii, fi sirna qulqullina naannoo eegsisuu diriirsuun, guddina magaalaa itti fufiinsa qabuuf bu’uura kaa’aa jira. Walumaagalatti, Itoophiyaan dinagdee magariisaa ijaaruuf kutannoo cimaa agarsiisaa jirti. Kunis guddina diinagdee, eegumsa naannoo fi fayyadamummaa hawaasaa wal madaalchisuun, badhaadhina itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf shoora murteessaa qaba.

Photos from Shagar Post's post 17/04/2026

Itiyoophiyaan Daadii Bo'ichaa irra hin jirtu!
Itiyoophiyaan daandii Guddinaa, Daandii misoomaa fi Daandii Badhaadhinaa irra jirti.
Misoomni Itiyoophiyaan qabatte kan ijaan mul'atuu fi Harkaan qaqqabamudha kanaaf ammoo ragaan hojii hojjatamedha. Yeroo jijjiiramaa as pirojektii hedduun Sadarkaa Addunyaatti Sadarkaa qaban dabalee hedduun hojjatamee tajaajilaaf oolaa jira.

Want your business to be the top-listed Food & Beverage Service in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Shagar City
Addis Ababa