Hudaa Media

Hudaa Media

Share

26/07/2025

"Addunyaan waan jabaaf of qopheessaa jirti⤵️⤵️..!!"

"Yaa ergamaa Rabbii! Du'aa'ii nuuf hin gootanii!? Tumsaa fi injifannoo Rabbii irraa nuuf hin gaafattanii!!?" jechaa turan Sahaabonni Nabii yeroo dararaan isaanitti hammaatu. Nabiyyiin yeroo kana dhaga'an meeshaan Rabbii qaalii ta'uu itti himan. Foonni lafee isaaniitti hanga kaafamutti filaa sibiilaan kanneen foonni isaanii fayyaatti irra kaafame akka turan isaaniif seenessan! Magaaziin mataa isaanii irraa jalqabee hanga miilaatti kutuun qaamni isaanii bakka lamatti kanneen addaan qoodame garboonni Rabbii akka turan isaan yaadachiisan!! Dararaa fi hammeenyi himamee hin dhumne kanneen isaan irratti raawwatamee Islaamummaa isaanii Irratti cichoomanii dhaaltuu jannata Rabbii kan ta'an dhaloonni ajaa'ibaa dachii kana irra akka turan isaaniif odeessan. Rabbiin dhimma kana dhugumatti ni xumura isin garuu ummata ariifatu dha jedhan.

Bu'aa isaa dursinee mee gatii isaa haa yaadannu! Yeroo mi'iraajaa urgaa ajaa'ibaa Mashixaa fi ijoollee ishee Rasuula haawwate haa yaadannu! Zayitii Baarmela guutuu Firaa'unaan danfifamee riqicha jannataa isheef tahuun isaa yoomillee hin dagatamu, Yaa Harmee koo! Haqa irra jirta irratti cichi kan jedhe daa'imni harma hodhee hin quufne haadha isaa yeroo oonnachiisu haqa irratti cichoomina qabaachuun gatiin isaa jiraatti ibiddaan gubachuu yoo ta'ellee bu'aan isaa maal akka ta'e imalli mi'iraajaa Nabiyyii keenyaa nuuf mirkaneessee jira.

Tujjaarticha dargageessa warra Qureyshii, bareeda qageenyaan faayame, warra Makkaa keessa addatti foolii urgawaan kan beekamu! Abjuu dubartoota jabana sanaa kan ture Mus'abi n haa yaadannu!! Miila isaa irraan haga dhiiga dhangalaasutti miila isaatiin daandii dheeraa qaxxaamuree jira, biyya hin beeknetti yeroo hedduu godaanee hawwii isaa mara dhiisuun daandii Rabbii keessatti gatii qaalii kaffalee jira.

Akka abaabootti faayamee uffata qaalii jabana sanaa Hadramiyyii yeroo mara uffachaa kan ture dargaggeessichi yeroo deemu daandii Makkaa bareechu kun duula Uhud Irratti yeroo wareegamu harki isaa muramanii, uffata ittiin kafanamu illee dhabe!!

Addunyaan kun qabsaa'ota diinii isaaniif duulan, Mujaahidoota daandii Rabbii keessatti dhiiga isaanii dhangalaasan akka waan isaan lolaafi mancaatiif sababa ta'aniitti si amansiisuu barbaadu!

Waa'ee gara-jabummaa Faransaay ummata Aljeeriyaa gaafadhu!! Waa'ee Xaaliyaani afaan ummata Liibiyaa irraa dhaggeeffadhu! Falujaani fi Ramadin n maal akka mudate dubbisi baradhu! Seyfii Impaayirotaa lamaan yeroo lama kan qal-amte Kaabuliin gaafadhu! Waan sitti himattu hedduu qabdi!!

Balfor tti walii-galtee qalamaan yeroo biyyi Muslimootaa gurguramtu akkamitti jedhii qoradhu! Waa'ee Der Yaasiin, waa'ee duguuggaa sanyii Sabra fi Shatila mana maree nageenyaa gaafadhu!

Dooniin xiyyaara waraanaa fe'atee galaana irraan ardiilee qaxxaamuru ergamaa nagaa fi waardiyyaa nageenyaa taasisanii irra deddeebi'iin sitti himu! Seyfii ati ittiin qalamtu morma kee irra ka'anii yeroo ol jettu si muranii dhiiga morma kee keessaa dhangala'uun addunyaa akka hin faalle si akeekkachiisu!! Si qalu, harka si qaluuf gadi jettee abboomamta sin jedhu! Yoo diddee falmachuuf hidhatte shoror-keessaa sin jedhanii maqaa si balleessuuf yaalu.

Addunyaan kun waan jabaaf of qopheessaa jirti!! Ibiddi laboobee jira, taatewwanis saffisaan jijjiiramuu itti fufanii jiru! Bitaaf mirgaanis hiriirri tolfamaa jira, suuraa duubaan waan deemaa jiru arguu kan dadhabe jaamaa ta'uu irraa of eeggadhu

☑️ Hudaa Media follow like

26/07/2025

Iraan biyyoota Awurooppaa waliin marii 'cimaa' gaggeessuu beeksifte, ittaanee maaltu ta'a?
••••••••••••••••
Iraan dhimma sagantaa gabbisa nikularaashee ilaalchisee biyyoota Awurooppa waliin marii "cimaa, dhugaafi bal'aa" ta'e gaggeessuu beeksisuu beeksisfte.

Marichi kan gaggeeffame Jimaata, Adollessa 25 yoo ta'u, marii kana itti fufuuf fedhii akka qabdu beeksisuu maddi oduu Rooyitarsi

☑️ Hudaa Media follow like sher

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Jimma
Addis Ababa