Sheger View
14/01/2026
Tilmaama badhaafamaa
16/08/2025
Tilmamaa Badhaafama
Predict correct score.
30/07/2025
! ✊
Guyyaa tokko gaaffii tokko gaafate. "Ati garaa jabina akkamiitu sirraa mul'ata? 😟 Maaliif yeroo hundumaa mataa koo keessa na dhoofta? 🤔 Anaanis, sanyii koo hundumaas mataa keessa nu dhoofta; garaa laafummaan guyyaa tokkoof maaliif sirraa hin mul'atu?" Jedhe.
Madooshaanis gaaffii kana ajaa’ibsiifatee takka itti yaadee deebii kenneefii "Maaliif gaaffii gowwaa na gaafatta? 🤨 Ati mismaaradha mitii? Kan ati uumamtes wantoota lama walitti qabsiisuuf mitiiree? Yoos osoo ani sin gargaariin, osoo ani sin dhiibiin akkamiin kaayyoo itti uumamte kana fiixaan baafta ree? 🤷♂️ Inni ani mataa keessa si rukutu lafa kaayyoo keen si gahuufi malee hamaaf miti. Yoos inni ani si dhahu kuni maaliif jal’ina ta’ee sitti mul'ate? Anoo akka ati kaayyoo uumamuu kee galmaan geessuufan si rukuta malee jibbaaf miti!" Jedhe.
Yeroo kana mismaarris akka ofiisaa dogoggore hubatee madooshaa kana dhiifama gaafate. 🙏 Jireenya kee keessatti warreen mataa si rukkutan hedduun karoora ati uumamteef akka argattuufi akka galmaan geessuuf si dhiibuu isaanii akka ta’e hindagatiin! Waaqayyo 🕊️ yeroo lafa onaatti si geessu si jabeessuuf malee si balleessuuf miti. Mismaaronni tokko tokko mataa keessa dha’amuu waan sodaataniif yeroo madooshaan takkaa dha’u mataa isaanii sababa jalaa jallisaniif iddoo yaadan hingahiin hafu. Namoonni arraba, ceephoo, komiifi rakkina sodaatanis akkuma kanaa waan uumamaniif bira hingahiin hafu. Yeroo abjuukeef mataa keessa si rukutan dhaabadhu malee hinbaqatiin! 🌟
! ✌️
Ginenus Fekadu Jiinenus Fiqaaduu
Idea credit
Click here to claim your Sponsored Listing.