Daawwitii Oromiyaa
30/03/2026
Harargee Bahaa Aanaa Gola Odaatti Waldayni Misooma Oromiyaa Damee Gola Odaa kilabii Ispoortii kubbaa Miilaa hundeessuun gara hojiitti galche.
Waldayichi Ispoortiin guddinaBiyyaaf Mata duree jedhu qabachuun kilabicha kan hundeesse yommuu ta'u waldeeggarsa Waajjira Gurmaa'insa Ummataa Aanaa Gola Odaatiin qindoominaan hojjachaa jiraachuun beekkameera. Kilabichi Misooma ispoortii guddisuurra darbuun Ambaasaaddara ta'uun waltajjii dorgommii garaagaraarratti beeksisuun kan hojjatu ta'uun ibsameera. Dhiheenyattiis Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti qophaa'erratti Aanicha bakka bu'uun kan hirmaatuu fi Beeksisuu keessattiis shoora olaanaa taphata jedhamee eeggama.
🌳🇪🇹🌳
Guddinni biyyaa bu’uuraalee misoomaan milkaa'a!
--------
Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneeti Misooma Daandii Aspaalti Marfata Magaalaa iddoo addaa naannawa Raabsa bishaan Salam,Aanaa Aleeluu keessaan darbbee hojjatamaa jiru.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Address
Addis Ababa