Fikadu

Fikadu

Share

14/05/2026

SORRY😭

GELANA GAROMSA 18/04/2026

🫡Galmee Seenaa🔥
Kanenus Kasa Bayisa
Galaana Gaaromsaa

GELANA GAROMSA 112 likes. "Gelana Garomsa ft Yosan Getahun - Galmee Seenaa - new Ethiopian (music 2026 )"

MANA FIRAA Oromo Music by Ayyalaa Nugusee 12/04/2026

Sirba🔥

MANA FIRAA Oromo Music by Ayyalaa Nugusee Directer - Tamirat Girma Music Arr& Mix - Tamirat Girma (Milki Studio) Mastering- Eyob Kasahun Bass - Yonas Girma Ulule -Mulugeta Teshome Masinko - Degsewu A...

08/04/2026

ABBAA👨‍👦
Abbaa koo -abbaa jabaa,
Waaqaa gaditti Suman qaba!
Gaachana gaafa xiiqii
Gaaddisakoo gaafa maraa,
Qajeelcha karaa milkii
Beekessakoo hayyuu baraa!
Sanyii lafa buusuuf
Na dhalchitee-na guddifte.
Bu'aa malee akkan hafneef
Na barsiifte- na muldhifte!
Ati anaaf waa hundadha
Si faarsuudhaaf - jecha hin qabu.
Hamaan sin argatiin
Xiyyi diinaa sirraa haa dabu!
Gaaf gammachuu
Gaafa gaddaa,
Laf gammoojjii
Lafa baddaa,
Na gorfatta
Gaafa hundaa,
Naaf jiraadhu
Abbaa Guddaa!
Na barsiisuuf gaara labdee,
Na guddisuuf kuftee cable.
Akkan cimuuf na gorfatte;
Doofummaarraa na oolfatte!
Maqaan kee dhalootaan
Haa ka'u jabaatee,
Dhokatee hin hafiin
Barri ati dhamaate!
Abbummaan kee dhuma hin qabu;
Dogoggoru na deebisi.
Akkan ce'u akkan milkaa'u
Daddabalii na eebbisii!
Foon keerraan argame;
Dhiiga keetu Ana ta'e.
Kanumaafan si fakkaadha;
Mucummaadhaan sittan ba'e!
Arjummaaf oolmaan kee
Innoo hin qabu dhuma;
Naaf jiraadhu abbaakoo
Lubbuun waggaa kuma!
Sin jaaladha onneerraa
Hamtuun sin argiini;
Qe'eekee sanyii malee
Aramaan hin margiini!
Leenca fakkii namaa
Abbaakoo abbaa gaarii,
Gammadii jiraadhu;
Sirraa haa qabu aarii! 🙏 Kanenus Kasa Bayisa🫡 Ayyaantummaa🔥

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Oromia
Addis Ababa