Mitiku Busa Offical
30/03/2023
Rom. 9
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁹ Abdichi, "Yeroo akkasiitti deebi'ee nan dhufa, Saaraanis ilma godhattee na eegdi" kan jedhu ture.
…
¹⁶ Kanaafis kun akka araara Waaqayyootti malee, akka jalaala yookiis dhama'a namaatti miti.
Visit TikTok to discover videos! Watch, follow, and discover more trending content.
01/02/2023
Rom. 1
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
² Wangeelli kun isa Waaqayyo duraan dursee karaa raajota isaatii caaffata qulqullaa'aa keessatti abdachiisee dha.
³ Inni waa'ee ilma isaa isa akka fooniitti sanyii Daawit keessaa dhalatee dubbate.
⁴ Akka qulqullummaa isaa isa hafuuraatti immoo, warra du'an keessaa ka'uudhaan Yesus Kristos gooftaan keenya ilma Waaqayyoo ta'uun isaa humnaan beeksifameera.
ISA KAMTU WANGEELA? GAADDIDDUU MOO ISUMA DHUGAA?
QULQULLUU SEERA UUMAMAA HANGA MUL'ATAATTI YOO QORANNE,KARAA DHOKATAA TA'ES MUL'ATAA WAA'EE ILMA WAAQAYYOO YESUUS KIRISTOOS DUBBATA. AKKASUMAS YAADA WAAQAYYOO ILMAAN NAMOOTAAF QABU KAN DUBBATUU DHA.
WAAQAYYO ILMAAN NAMOOTAAF QABU IMMOO NAMNI HUNDINUU JAALALA WAAQAYYOO AKKA BEEKUU FI HOJII FAYYINAA KARAA KIRISTOOS MUL'ATETTI AMANEE JIREENYA AKKA ARGATUUF TURE.
ODUU KANA ALA DUUBBATU YOO JIRAATE WANGEELA MITI. NUS IMMOO HAR'A ISUMA KANA QOFA AKKA DUBBANNUUF WAAQAYYO NU WAAME.
# NAMNI WAAMAMEE ODUU KANA ALA DUBBATUS HAA DUBBATU MALEE HOJJETAA KIRISTOOS MITI.
KIRISTOOS IMMOO HOJII KIRISTOOS HOJJETE HOJJETA.
HOJIIWWAAWWAN HEDDUUN MIIDIYAA FI NAANNOO KEENYATTI WANGEELA GAADDIDDUU GODHACHUUN HOJJETAMAN HUNDINUU WANGEELA MITI.
# NAMOOTNI KUNIS HOJJETTOOTA KIRISTOOS MITI.
# GARA WANGEELAA FI HOJII WANGEELAATTI HAA DEEBINU!
25/01/2023
Rom. 8
¯¯¯¯¯¯¯
¹⁷ Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taanee, warra waan hundumaa argatan in taana; waan kana hundumaas Waaqayyo biraa in arganna; Kristosii wajjin erga dhiphannee, isaa wajjin immoo ulfaachuudhaaf, waan Kristos argatu hundumaas isaa wajjin in arganna.
QOODA KIRISTOOS ARGACHUU❤
erga Addaam cubbuutti kufee nama foonii ykn Addaam isa kufe ta'uu isaatiin waan hedduu akkuma dhabe; Kan Kiristoos ta'uu isaatii garuu waan hundumaa argateera.
NAMA ADDAAM ta'uun :-
1.Du'a
2.Abaarsa
3.Garba cubbuu
4. Diinummaa Waaqayyoo wajjinii... fide.
KIRISTOOS ta'uun:-
1.Jireenya bara baraa
2.Aboo mucaa Waaqayyoo ta'uu
3.Seexana,du'aa fi cubbuu irratti ol aantummaa qabaachuu
4. Eebba waaqarraa fi lafa irraa
5.
6.
7.
.
.
.
.....WAAN HUNDUMAA argateera!
hundumaa gaafa jedhu waan bundumaa jechuu isaati. Innis kan lafa irraa fi kan waaqa irraa dabalateeti.
Waan hundumaa jechi jedhu kan ibsu ''waaqayyo'' qofaa dha. Kanaaf kan Kiristoos ta'uu keenyaan waan hundumaa arganneera.
jechuun namni kan Kiristoos ta'e tokko qoodi isaa waan hundumaa isa ta'ee waaqayyoo dha.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the place of worship
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
000000