Gada Digital Service
15/10/2022
Create Free World For Next Generation
14/09/2022
Kutaa 1ffaa
Moosaajii Bilbilaa
Moosaajii
Moosaajii Bilbilaa ykn Mobile App Jechuun Maal Jechuudha?
Moosaajii Bilbilaa ykn Mobile App jechuun sooftiweeri ykn pirogiraami akka Bilbila, Tablet fi Sa’aati harkaa ammayyaawa ykn Smart Watch dhaf ta’utti diizaayin ta’ee ijaaramudha. moosaajin Bilbilaa yeroo jalqabaaf sirriitti kan beekame, bara 1997 Bilbila Nokia 6110 jedhamu irratti yemmuu ta’u, innis moosaajii geemi “Snake” jedhamu ture. moosajin kun moosaaji Bilbilaa kan jalqabaa fakkaatus moosaaji kana dura moosaajiwwan kan biraa meeshaale ykn Device’wwan kan biroo irra turaniiru. haa ta’u malee moosaajin yeroo jalqabaaf sirriitti namoota heeddun beekame moosaajii geemii “Snake” jedhamu kana ture. gabaabumatti moosaajin yeroo jalqabaaf develop ta’e sirriitti adda ba’ee kan hin mirkaneeffamnedha.
Yeroo ammaa Siistem Sooftiweerin Bilbilaa beekamoon 2 tu jiru. isaanis Android fi IOS jedhamuun beekamu. Android fi IOS siistem sooftiweeri Bilbilaa beekamoo yemmuu ta’an, biyya keenya keessatti uummanni irra caalu Bilbila siistem sooftiweerin isaa Android ta’e fayyadama.
Android siistem sooftiweeri yeroo jalqabaaf nama Andy Rubin jedhamuun develop ta’e yemmuu ta’u, ammaan tana siistam sooftiweerin kun dhaabbata Google‘n kan suuphamu ykn Maintain kan ta’uu fi caalatti guddachaa kan jirudha. yeroo ammaa siistem sooftiweeri kana meeshaalee ykn Device’wwan akka TV ammayyaawa ykn Smart TV, Sa’aati harkaa ammayyaawa ykn Smart Watch fi kkf niif akka oolutti diizayin gochuun hojii irra oolchaa kan jiranidha.Bilbilli Bilbila jedhamuuf akkuma kompiitaraa, haardiweeri fi sooftiweerii qabaachun dirqama, sooftiweerii yeroo jedhamu siistam sooftiweeri fi moosaaji of-jalatti qabata. keessattuu Bilbiloota ammayyaawa akka isaan sirriitti jaalataman kan godhe keessaa inni tokko moosaajidha. amma June-2022 tti moosaajiwwan Bilbila Android, miliyoona 3.5 ta’an kuusaa moosaajiwwan Android ykn Google Play Store keessatti yemmuu argaman.kutaa 2ffaa itti Fufaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Address
Addis Ababa
0721