Ephratah Ministry

Ephratah Ministry

Share

19/05/2026

‎ waldaa keessan awwaalladhaa
‎✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
‎Biyyi isaa biyya Australia ture. Pasterii church guddaa tokkotti mindeeffamee hojjetutu ture. Amantoonni waldaa Sanaa namoota baay'ee Waaqayyoon jaalatan,turan.Yeroo booda Qaroominnii fi ammayyummaan dhufee akkuma dabalaa deeme amantoonni qabaa qaroominaa wallaaluurraa Kan ka'e ittiin liqimfamuu jalqaban.Qooda qaroominatti fayyadaman qaroominnii isaaniiti fayyadame, tokko lamaan amantoonni waldichaa galaanaa FI dukkana ammayyaa Kanaan nyaataman.Garaan kaleessa waaqayyoof qaban, Waaqeffennaan hafuuraa in bade . Namni qooda Waaqayyo wajjin yeroo dabarsu technology, social media wajjin yeroo dabarsuu eegale.Amma Waaqni isaanii namtolchee ta'eera. Macaafni qulqulluu "garaan isaanii waaqayyo isaaniiti" jedha.Fil3:19.
‎Pasteriin kun tokko tokko isaanii personally manaa manaatti argatee haasofsiisuuf yaale , Kanas yeroo baay'ee irra deddebi'ee raawwate garuu namni waldaatti deebi'e tokko hin argamne, dadhabbiin isaa bishaan dhuge. Keessa ba'ee amantoota bira darbee tajaajiltoonni waldaa Sanaas hafuura Kanaan liqimfaman. Dhumarratti waldaan sun pasterii waldichaa irraan Kan hafe qullaatti ta'e, teessuma qofatu achi keessa Jira. Waldaan in cufame, guyyaan sambataas hin dagatame. Pasteriin kun qofaa isaa dhaabatee waldicha keessatti hafe. Gaaftokko, Waa'ee amantoota badan kanaaf Waaqayyoon kadhachuuf soomaaf sagada qabate. "Maaliin godha? Saba kana adaraa natti kennite, garuu badaniiru, falan dhabe, Maal Jetta? "Jedhee waaqayyoon gaafate.Waaqayyo immoo in dhaga'a, in deebisas mitiiree! Eenyutu waaqayyoon barbaadee dhabe? Waaqayyo paster kanaaf mul'ata kenneef.Mul'atichi akkas ture #"Waldaan keessan duuteetti koottaa awwaalladhaa jedhii beeksisa baasii!" jedhen. Akkuma waaqayyo isa abboometti guyyaa gaafa akkasii waldaa keenya awwaalla waan ta'eef miseensa waldaa kanaa Kan ture tokko illee Akka hin hafne jedhe beeksisa baase. Namni Nama aawwaaluutti beeka malee waldaa aawwaaluutti waamamee dhaga'ees hin beeku.Dubbiin kun xinnaa guddaatti gaaffii ta'e, hunduu maal argina jedhee guyyichi yoom nuuf ga'a jedhee obsa dhabe,. Guyyaan jedhame in ga'e, amantootni kaleessa badanii Turan, xinnaadhaa hamma guddaatti , kana qofa osoo hin taane warri hin amanne iyyuu akka itti waldaan awwaalamu ilaalla jedhanii buqqa'anii dhufan. Akka aadaa biyyichaatti namni gaafa du'u, reeffa sanduuqa banaa keessa godhanii namni hunduu hiriira galee yeroo dhumaaf Fuula namicha du'ee sanduuqa keessatti ilaalee 'Nagaatti👋 'ittiin jedhee ababoo awwaala isaa irra buusee darba. Haala Kanaan sirni awwalchaa raawwatama. Namoonni haaluma Kanaan waldaa aawwaaluuf qophaa'anii dhufan. Waaqayyo mul'ata pasterichaaf kenne keessatti itti fufee, "daawwitii bitiitii sanduuqa reeffaa keessa kaa'i , Sana booda akka awwaalan godhi! " Jedheen. Pasterichi akkuma ajajame godhe. Namoonni toora galanii reeffa waldaa sanduuqa reeffaa keessa ilaanii Nagaa itti dhaamanii awwaluuf eegalan.Yeroo sanduuqa keessa ilaalan daawwitiitu Jira, daawwitii keessa Yoo ilaalan ofii isaanii argan, eenyuun awwaluu eenyuttis nagaa haa dhaaman ree, reeffi isaanitti mul'ate mataa isaaniiti, Innis sanduuqa reeffaa boolla awwalchaa keessattidha. Inni hiriira jalqabaarra jiru waan ta'e kana argee waldaa seenee jilbeeffatee boo'ichaan of dhiqa. Warri duubarraa immoo Maal argina jechaa itti adeemu, namni dhufe hundinuu of awwalee ofiisaattis Nagaa dhaame. Otuu ilaaluu eenyutu awwaalama ree? ni bo'ani 😭 Pasterichi in kadhateef, Waaqayyo laphee dhaloota Sanaa in qulleesse,sabni sun ergasii waldaa keessaa hin baane, deebi'es amantii isaa hin buufne.Maal hubattan❓
‎Dhaloonni ammayyummaa FI technology dhaan liqimfame kun gaggeessitoota,barsiisotaa FI raajota ,pasteroota Kan hin dhageenyee FI hin abboomamnedha.Kana irraa Kan ka'e waldaan kiristaanaa humna ishee ol waan ta'eef hoolota waaqayyoo keessumaa dargaggoota gadhiisiitti dhiifteetti.Kaleessa dargaggeessi kiraaraa baatu har'a kiraaraa isaa Fanniseera,kaleessa dargaggeettiin faarfattu sun har'a mucummaan irraa badee bifa garbummaan bakkee keessa joorti.Hunduu calliseera,badisa keessatti ilaallee walbira darbaa jirra,baduu dhaloota kanaatti eenyutu gaafatama? Tikseen akkuma hoolaa gattetti gaafatamtu namoonni itti gaafatamummaan mana waaqayyoo isinitti kenname gaafatamuuf jirtu.Maal godhan? Oldeebinee yaadanna,pasterichi Maal godhe,humna isaa ol dhaloota ta'an Sana callisee hin dhiifne,hirmaannaa waaqayyoo gaafate, waaqayyoos kiyyoo inni ittiin didaa qabu itti kenne.Tajaajiltoonni waldaa kiristaanaa keessatti Kennaa garagaraan waaqayyoof hojjechaa jirtan,Yoo nuyi waaqayyoon kadhanne,biyya badaa jirtu,dhaloota mataa jabaatee badaa jiru kana mul'ata oolchu nuuf in kenna.Waaqayyo gaggeessitoota Akka paster waldaa Australia nuuf haa baay'isu.

13/05/2026

Yeroon ga'aa jira

07/05/2026

Kun ergaa koo ishee xummuraati!👂

**********************************

👉Gaaf tokko Shamarree dargaggeettii tokkotu Yakka cimaa hojjette. Yakki kunis seera dura ishee dhaabe. Yakki ishees adabbii hidhaa umurii guutuu ture. Yeroo tartiibni seerichaa geggeefamutti fullishee imimmaanin dhiqamaa dhiifamaaf kadhattus dhageefataa dhabde.

Firoonnishee fi hiriyoonni ishees imimmaniin bukkee dhaabachuu male homaa gochuu hin dandeenye.😔

Garuu haala yaaddessaa fi gaddisiisaa kana keessatti namni tokko iddoo👨‍⚖ # Abukaatoonni (falmitoonni) dhaabatan dhaabbatee mana murtii sana kadhachuudhaan murtee manni murtichaa mureessun dura waa'ee shamarree kanaa abukaatowwaan kadhachuu eegale. Dhimmichis baay'ee ulfaataa ta'us inni garuu humna (dandeettii) qabu mara fayyadamee bakka shamarree kana falmuu eegale. bu'aa ba'ii baay'ee fi dhadhabbii baay'ee booddee dhadhabbiin isaa ija godhate. shamarreen sunis bilisaan gadhiifamte.

🙍Amma Shamarreen kun gochaa namicha kanaatti baay'ee gammaddee miila isaa jalatti kufte bossees isa galatteefatte. 🙏

😳Garuu ammas Otuma takka hin turin yakkuma wal fakkatu hojjettee argamte. akkuma balbala mana murtii sana darbitee iddoo abbootiin murtii taa'an yommuu ilaaltu namicha isa isheef falmeefi gad-dhiifamte sanatu taa'ee jira😀

Kan nama dhibu namichi dhengedda Abukaatoo ture sun amma abbaa murtii ta'eera🙊 baayye itti tole fullishees ni ife😃

👨‍⚖Namichis harka isaa kaasee dhagayi kaleessa Abukaatoon ture kanaafidha kanan si bilisoomsuuf siif falme! amma garuu an ABBAA MURTII ti.

akka abbaa murtiitti immoo firdii isa qajeelaa kennuun narra jiraata jedhen. Isheenis kana yemmuu dhagessu ijjishee imimmaanin guute! "garuu ati eenyuu jetten?"

Innis :- An Kaleessaa har'aati jedheen!!!

💌🔑 Obbolessa koo, obboleetti koo barruu kana dubisaa jirtu har'a YESUUS keeti.
👨‍⚖Badii kee hundumaatiif kadhatee gara jireenyaatti akka galtuuf siif falma. YESUUS Abukaatoo ta'ee itti hin fufu.
👉YEROO inni

12/04/2026

ODUU GADDISIISAA DHA

OF EEGGANNOO CIMSAA!
Garaan haadhaa akkam haa ta'ugaa😥
godhaa maatiin Ha argatu pls.

Gurban asii gaditti argitan kun daa'ima xiqqaa kana hatee oso deemuu Jijjigaatti qabameera. Inni Daa'imni kiyyadha malee an hin hanne jedha. Garuummoo mucaan Afaan Oromoo malee hin beektu. Gurbaan immoi Afaan Taagroo fi Amaari ffa malee hin beeku.

Mucaan daa'ima waan ta'eef eessa akka ta'eef kan eenyuu akka ta'e himachuu hin beeku calluma jedhee booyuu malee.
Pls Pls godhaatu mucaan kun maati isaa akka argatu deeggaraa.

Yoowwan Garaan Haadhaa akkam akka ta'aa jiru yaadi😥

Pls daa'imman keessaniif eeggannoo cimaa taasisaa. Keessumaa warra ቁራሊዎ fi suphaa meeshaalee tokko tokkoo fakkeessuun mandara keessa yaa'an eeggadhaa. Hundas miti.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa
JESUS