Huddaa Show

Huddaa Show

Share

Photos from Huddaa Show's post 18/03/2026
03/02/2026

S A W

Photos from Huddaa Show's post 02/02/2026

Ani kan na dhibe Zaki Dallas jaalala isaa irratti wal dhabaa jirtan moo qabeenya isaa irratti? Gidduu kana waan namni hedduun barreesse calliseetumaan dubbisaa ture. Akkaan hubadheetti qabeenya isaati malee waa'ee kabajaa fi jaalala isaatii miti wanniin argaa jiru. Jaalala isaaf qabdan ibsuuf immoo dirqama qaamaan wal arguu hin qabdan. Isaan wal arguu baattaniis baga nagayaan gara biyya teeti dhufte, yeroo gaarii, tan nagayaa, tan fayyaa, tan jaalalaa , tan gammachuu qabaadhu jettaniituma hawwii isaaf qabdan dabarsuun gahaadha.

Zaki akka Oromootti, akka obboleessa keenyaa tokkootti toltuu inni hojjachaa tureef, har'aas hojjachaa jiruuf, boru Rabbiin nagayaa fi fayyaa gammachuu fi jaalala umrii dheertuu wajjiin isaaf kennee hojjachuuf taa'uuf akka namoonni dhunfaa as irraa haasawaa jiran kanatti namoota muraasa birratti nama kabajaa fi jaalala qabu osoo hin taane, nama akka sabaatti, akka hawaasaatti jaalatamuufi kabajamuudha.

Namoonni jecha nama tokkoo fi lamaatiif deebisaa kennina jettanii qoosaa hin taane , barreefama kabajaa isaa hin eegne keessatti maqaa isaa kaasaa jirtan sirrii natti hin fakkaatu. Maqaan nama kabajaa qabuu bakka itti kaasaan , haalaa itti kaasaniifi, akkaataa itti kaasan qabaa. Barreefama isa hin madaalle keessatti maqaa isaa tuquun kabajaa isaa tuquudha. Waa dubbachuu dura, akkamittii, eessatti fi haala kamitti dubbachuu qabna jennee itti haa yaadnu. Obboleeyyan kiyya kana kaniin ja'eef isin irra beekeetii miti. Yoon dogoggore dhiifama naaf godhaa.

Nebil Sufiyan Ahmed

02/02/2026

Google pixel 4xl
LMC 8.4+XML πŸŒˆπŸŒ„πŸŒ΄
Γ‰dit : LrπŸ–ŒοΈπŸŽ¨

11/12/2025
Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Addis Ababa