EM

EM

Share

18/04/2026

Nimoonaa hidhuun cubbuudha. Osoo bektanii wareegama Nimoonaan kanfaleen barcuma kana argattan. Qaama hirdhatee, bakka gahuu qabu hanqatee, Qarriffaa Wayyaanee keessaa warra isin baase keessaa adda dureedha.
Kaadirummaa diduun isaa yakka yoo ta’e, Du’ee sagal gubata malee waan ta’u miti. Ejjennoo isaa irratti fageenya hagamii akka adeemu osuma beektan dhama’uun sirrii miti.
Amma atakaroo siyaasaa hir’isee ilmaan isaa guddifatuuf, Simintoo fi dhakaa waliin qabsootti akka jiru Biyya guutuutu ragaadha.
Hiikaa!
Nimoonaa hiikaa!

18/04/2026

‘Namni du’u hudduu rifata’ akka jedhamu: gaafa Kiristaan Taaddelee, MM Abiyyiin Ahamadiin “Aangoo gadhiisa” jedhee Paarlaamaa keessatti gaafate, borummaan guyyaa itti aanu kaabineen mootummaa Bilixiginnaa Oromiyaa guutuu keessatti humnaan uummata hiriirsaa deeggarsi akka MM Abiyyiif taasifamuu tolchaa akka turan ni yaadatama.

Har’as bifa wal-fakkaatuun, Sirba Albaamii Teedii haaraa keessaatti ዳስ ጣል jedhu kallattiin Abiyyii fi worra afaan Amaaraa caccabsaa nuti Itoophiyaa dha jedhuuf dhaamsa dabarsee ture. Sirbi Teedii bahe kun kallattiin mootummaa irratti kan xiyyeeffateedha. Teediin Afroo qawwee hin qabu, bosona galee mootummaatti akka Faannoo fi ABO dhukaasaa hin jiru. Artistiidha. Aarti fayyadamee yaada qabu ibsate. Akka nama baratee fi qaroome, Yaada ibsachuun mirga.

Aartistoonni Oromoo jaalalaa fi kabajaa guddaa qabnuuf kan akka Galaana Gaaromsaa fi Yosan Geetahuun deebii Teediidhaaf kennuuf sirba haaraa “ Galma Seenaa” jedhu hojjatan. Seenessa dabaa sirreessuun waan sirrii te’uu mala garuu Dhugaan jirtu kun ajandaa bilxiginnaati jechuun namoonni hedduun komatu.

Siidaa Minilikiif kan ijaare Bilxiginna, waa’ee Itoophiyumma nama barsiisuuf kan tattafatulle bilxiginnaadha. Kan gar jabeenyaan uummata Itoophiya ajjeese, saame, walnyaachise, qoqqoodelle Bilxiginnaadha.

Sirba Teedii Afroo deebii kennuun artistoota Oromoo lamaan kun “promotion” dabalataa Teedii Afroof hojjatuuf yoo ta’ee malee maal bu’aa isaa ?

Teediin Afroo artist humna qabu, nama saba isaatiif dhaabbatu, saba isaatiif nama akka Haacaaluu Hundeessaatti. Saba isaatiif nama akka Eebbisaa Addunyaati.

Artistoonni Oromoo bara kana waa’ee ajjeefamuu, waa’ee dararaa haadha Oromoo, waa’ee miidhaa saba isaanii dagatanii ajandaa mootummaa fudhatanii oofaa jiru jedhamanii qeeqamaa jiru.

Yeroo dhihoo kana bakka nagaan jiru “Nagaa Nagaa” jechuun, konsertii ergamaa mootummaa fudhatanii Jimma, Shaashamennee fi naannolee birootti duula filannoo fakkaatu gaggeessaa turan.

Sirni Haacaaluu nyaate

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Sululta?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Sululta