Caffee Tumaa
26/05/2026
🇮🇷🇮🇷 Mojtabaa Kaamenii ergaa haaraa har'a dabarsanii waan jajjabduu dubbatan.
Waraanni dabre humna Ameerikaa dadhabsiisuu akkasumas Israa'el baduu akka qabdu hubachiisan.
Hogganaan Olaanaan Iraan Mojtaabaa Kaamenii, Israa'eliin"balaafamtuu" jedhanii, kanaa booda naannoon Galoogalaana Faarsi buufata waraanaa Ameerikaa akka hin taane beeeksisan.
Hogganaan Olaanaan kun ergaa barreeffamaan dabarsanii fi televijiinii mootummaatiin dhiyaate kanaan Israa'eliin "naannichatti dhibee balaafamtuu fi humna ajjeechaa" jechuun "baduu qabdi" jedhuu isaanii maddi oduu Iraan Tasniim gabaaseera.
Mojtaabaan erga ajjeefamuu abbaa isaanii hordofee aangoo hoggansa olaanaa dhaalanii booda hanga ammaatti ifatti uummatatti kan hin mul'anne yoo ta'u, ergaa isaanii barreeffamaan dabarsaa turaniiru.
Ergaa isaanii ammaa kanaan waraana Iraan irratti banamee booda wantoonni jijjiiramaa akka jiran kaasuun, buufanni waraana Ameerikaa biyyoota galoo bishaanichaa keessatti bakka akka hin qabaanne ibsaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun, "akkuma yeroo gara duubatti deebisuun hin danda'amne, biyyoonni fi lafti naannichaa kanaan booda dawoo buufata waraana Ameerikaa hin ta'an" jechuun gaheen Ameerikaa naannicha keessatti akka hin jiraanne akeekaniiru.
Dabalataanis, "naannichatti buufatni waraanaa gocha hammeenyaatiif tajaajilan , akkasumas buufataaleen waraanaa dabalataa hin hundeeffaman" jedhan. "Ameerikaan guyyaa gara guyyaatti sadarkaa kanaan dura irra turte irraa gadi bu'aa jirtis" jedhaniiru.
Hogganaan Olaanaan kun waraana baatiiwwan darban keessa gaggeeffameen Ameerikaa fi Israa'el irra miidhaan guddaan akka gahe eeruun, "tarkaanfii hamaan Iraan irratti fudhatteen Israa'el dandeettii dhabuu" fi Ameerikaanis "kaballaa hamaa akka dhandhamte" ibsaniiru.
gochaa nu hordofuu dandessu
05/05/2026
Siidaan Artiisti Haacaaluu Hundeessaa eebbifame
Siidaan Yaadannoo Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Finfinnee Paarkii Afrikaa keessatti ijaarame eebbifameera.
Siidaan Yaadannoo Artiisti Haacaaluu Hundeessaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen eebbifameera.
Sirna eebbicharratti hoggantoonni olaanoo Mootummaa maatii Artiistichaa dabalatee Artiistonni biroon argamaniiru.
27/04/2026
Iraan waraana dhaabuuf gulantaawwan ijoo 'sarara diimaa" jechuun ibsite kan dhimma Nukilaaraa fi Hormuz of keessaa qabu dhiyeessite; Minisitriin Alaa Araagchii Pirezidaant Puutiin waliin mari’achuuf Raashiyaa jiru
Iraan karaa giddu senetummaa Paakistaaniin ulaa Galaanaa Hormuz deebistee banuufi waraana dhaabuuf yaada haaraa dhimmoota nukilaaraa fi daandii bishaanirratti gulantaa ijoo sarbamuu hinqabne jechuun tarreessuun dhiyeessiteetti.
Ejensiin Oduu Iraan (Fars News Agency) akka gabaasetti, Teeraan xalayaawwan barreeffamaa "gulantaawwan ijoo sarbamuu hin dandaa’amne kan “sarara diimaa” jechuun ibsite dhimmoota niukilaaraa fi bishaan madaala Hormuz dabalatee" ibsan kraa Paakistaan Waashingitaniif eriteetti.
Minisitrri Dhimma Alaa Iiraan, Abbaas Araagchii, Isilaamaabaad irraa gara Raashiyaatti kan imalan yoo ta’u, har’a ganama achi ga’aniiru.
Sagantaan imala isaanii kan torban dhumatti gaggeeffame Isilaamaabaad fi Muskaat (Omaan) gidduutti deddeebii walitti fufaa erga ta’ee booda, gara Isilaamaabaaditti deebi’aniiru. Paakistaan keessatti hogganaa waraanaa Aasim Muniir, Minisitra Muummee Sheebaaz Shariif fi Minisitra Alaa Ishaaq Daar waliin erga mari’atanii booda imala isaanii itti fufan.
Araagchiin amma magaalaa Seent Piitirsibaargitti Pirezidaant Vilaadimir Puutiin waliin ni mari’atu jedhamee eegama.
Midiyaa Iraan isaan waliin imalaa jiruuf akka ibsanitti, imalli kun "Teeraan fi Moskoo gidduutti dhimmoota naannichaa fi idil-addunyaa irratti gorsa dhiyoo gochuu" itti fufuuf kan kaayyeffate dha.
Araagchiin erga Raashiyaa ga’anii booda midiyaa mootummaa IRNAtti akka himanitti, "Akkuma beekamu, dhimmoota bal’aa, keessattuu dhimmoota naannichaa fi idil-addunyaa irratti, akkasumas dhimmoota hariiroo gama-lamee keenyaa irratti yeroo hunda Raashiyaa waliin marii ni gaggeessina" jechuun dubbataniiran.
Click here to claim your Sponsored Listing.