Derartu Negash
30/08/2025
Gurban suuraa isaa Armaan gaditti Argitan kun maqaan isaa Anware Jamal Jedhama ijoollee Harargeeti Nama Amala gaarii qabu nama Gandummaa humaa hin beekneedha Inni Hojii isaa malee miidiyaa kanalle danta hin qabu Egaa Akkuma nama kamiitu Baatiiwwaan muraasa dura Iqaamaan baafadha jedhe osoo
Suadi erra karaa lafaatin galaa jiruu akka Caarraa ta'e harka mootumma bu'e qabamee baati lamaa ol hidhamee gara biyya gale. Egaa akkuma isin beektan Jireenya biyyaa sun yoo qarshii gahaa Harka hin qabaanne biyya kanaa galanii jiraachun ni ulfaata waan ta'eef innis karoorri
Isaa waan karaatti duraa hafeef Ammas karaa lafaatiin Suadi deemuuf murteesse.
Haaluma kanaan bu'aa bu'ii heddu qaxxaamure
Hiryoonni isaa heddun karaatti biraa du'anii
Inni Rabbiin Caarraa isa tolchiinaan nagaan Suadi seenee bakka Waadii Dawaasir Jedhamu
Mahaxxaa Yamanii gahee. inni waa'ee Gandummaa Amma deemaa jiru kanas homaa
Qabu hin qabu bilbilas hin qabu yaroo akkana dhufe konkolaataa mushaawora erra bu'u Duuriyyoonni Hojii hin qabne kan Uummata Arsii fi Ijoollee Arsii bakka hin buune nama 10 ol ta'anii itti dhufanii "ati ijoollee Eessati" jedhanii gaafatan gurba humaa hin dhoksine Ani ijoollee Harargeeti jedhee itti hime Achumaan gurbaa uuffatuma isaa erra baasanii Harka isaa dudduubbatti hidhanii bakka Namni hin jirre
Geessanii Halkaan tokkoof Guyyaa tokko nyaataf dhugatii malee osoo tumanu gurbaan waan karaa deemaa tureef harkatti laaffatee jennan jeruma keessa tokko "dhiisaa gahaa hin tuminaa nurkattii miidhamaa jiraa" jedheen
Osoo jerumtii wal falmanuu Achumatti jirri wal dhabanii gurba hin "Tumina" jedheen sun hidhaa Harka isaatti hikee Akkasuman Rabbiin gurbaa sana sababa godhee nagaan baasee Allamdulliih. Hallii Amma deemaa jiru kun yoo akkanaan itti fufee rakko Cimaadha Rabbiin furmaata hafidu malee 🥲
22/08/2025
Click here to claim your Sponsored Listing.