Sima Girma

Sima Girma

Share

02/05/2025

Ilaalcha sirrii qabda jechuun, boba'aa ittiin mul'ata kee galmaan geessu qabda jechuudha. # #

28/03/2025

HIRIYAA
::::::::::::::
Hiriyummaan maali gaaffii jedhu osoon siif dhiyeessee,hiriyummaan hireedha deebii jedhun si biraa argadha.Hireedha jechuun nama ani jaaladhu innis na jaalatu rabbitu naaf kenne jechuudha. Egaa hiriyaa jechuun namoota addunyaa guutanii jiran keessaa nama ati adda baafattee waliin firoomtee jiraachuuf filattudha. Har’a hiriyaa keen sitti hima yeroo xiqqoo naaf kenni. Hiriyaan:-
1. Nama yeroo gaddaa fi dhiphinaa dursitee of biratti argitedha, Yeroo gammachuu nama hin beekneyyuu baay’ee argatta.
2. Nama hiciitii kee dabarsee hin kenninedha, hiciitii kee baaseera/steetti taanaan waa’ee kee baruuf dhufe/fte ofirraa fageessii jaaladhu.
3. Nama si gorsudha akkasumas yoo ati gorsite fudhatee nama hojiitti hiikudha.
4. Nama hir’ina yookaan mudaa kee ilaalee sitti himudha
5. Nama rakkina isaa sitti himatudha. Yeroo rakkate sitti hin himatu taanaan atis itti hin himatin, inni dhaabbata gargaarsaatii?
Ulaagaa armaan olii hin guutu/ttu taanaan hiriyaa kee miti, nama walbeektanidha malee. Kanaaf yoo dandeesse hiriyaa dhugaa gochuuf yaali ,yoo hin dandeenye immoo kan biraa barbaaddadhu.
Waan dubbistaniif galatoomaa!💚💚💚

23/03/2025

Jireenya kee keessatti:-
1.Aartee hin murteessin
2. Gammaddee waadaa hin galin
3.Qorumsaaf harka hin kennin.

22/03/2025

Mul'ata kee bira gahuuf mul'achuun dirqama miti. Jabaadhu deemsa kee itti fufi.

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Adama