Oromia

Oromia

Share

Photos from Oromia Communication Bureau's post 02/10/2025
01/10/2025

dhibba Saddeet (800) 761-800
Maqaa Kitaabaa Asilatun Adiidatu bi'ajuubatin Mufiidah.

(أَسْئِلَةٌ عَدِيدَةُ بأَجُوبَةٍ مٌفِيدَةٍ)

Kitaabni kun mata duree (11) of keessaa qaba.📚

♻️↪️ 1️⃣1️⃣FFAAN
================

☑️761◼️Heydii jechuun maali ?

DEEBII:↪️ Dhiiga uumamaa Rahima dubartii jalaa bahuudha.

762.◼️ Dhiiga Nifaasaa / Dhalaa jechuun maali ?

DEEBII:↪️ Dhiiga yeroo dubartiin deessu irraa yaa'uudha.

763.◼️ Dhiigni Heydii /Laguu guyyaa meeqaaf Dubartoota irra Tura ?

DEEBII:↪️ Guyyaa 1-14 /15

764.◼️ Dhiigni dhalaa guyyaa Meeqaaf Dubartoota irra Tura ?

DEEBII:↪️ Guyyaa 40

765. ◼️Dhiigni Heydii /Laguu dhiqachuun Waajiba moo Sunnaadha ?

DEEBII:↪️ Dirqama /Waajiba.

766◼️Dhiiga dhalaa irraa dhiqachuun waajiba moo sunnaadha ?

DEEBII:↪️ Waajiba /Dirqama

767◼️. Dhiiga Dhibee / Ustahaadaa irraa dhiqachuun waajiba moo Sunnaadha ?

DEEBII: Sunnaadha./ Dhiqachuun jaalatamaadha.

768.◼️ Dhiigni Dubartoota irraa bahu meeqa ?

DEEBII:↪️ sadii (3)
Isaanis 1. Dhiiga Heydii.
2. Dhiiga Dhalaa.
3. Dhiiga dhibee.

769◼️Dubartiin dhiiga Laguu qabdu Salaata Yeroo laguun irra jiru dhiifte yeroo qulqulleeffattetti ni salaatti ?
DEEBII: ↪️hin salaattu.

770◼️Dubartiin takka osoo soomaa jirtu yoo Xuriin laguu itti dhufte Sooma san yeroo qulqulleeffattetti ni soomanti ?

DEEBII:↪️Eeyyen ni soomanti.

771◼️Durri nama qabriin irraa banamtu eenyu ?

DEEBII:↪️ Rasuula Rabbii SALLALLAAHU ALEYHI WASLLAM.
772.◼️Guyyaa Qiyaamaa akkamitti kaafama ?

DEEBII:↪️ Kophee malee, Uffata malee, Kittaannaa malee.
773◼️Rasuulli ummata isaa akkamitti beeka guyyaa Qiyaamaa ?

DEEBII:↪️ Bobbooqinna Fuulaatiin.

774.◼️ Guyyaan Qiyaamaa kun hangam Tura ?

DEEBII↪️: Kaafira irratti Kuma 50000
Muslimtoota irratti kuma 1000

775.◼️ Kaafirri Guyyaa Qiyaamaa maal tahuu hawwa?
DEEBII↪️: Du'ee biyyee tahuu hawwa.

776.◼️ Qaama namaa irraa kan dura ragaa irratti bahu maali ?
DEEBII:↪️Harkaa fi Sarbaa/Tafa.

777◼️. Maanguddummaa Rassuulaatiin irra milkaayaan namaa eenyu ?

DEEBII:↪️ Nama Laa'ilaaha Illallaahu jedhee dhugaa ragaa bahe.

778.◼️ Namni rabbitti amane kitaaba isaa harka kamiin fudhata ?

DEEBII: ↪️Harka mirgaatiin.

779.◼️ Nmni Rabbitti kafare kitaaba isaa harka kamiin fudhata ?

DEEBII:↪️ Harka bitaatiin.

780.◼️ Guyyaa Qiyaamaa dalagaan namaa maaliin madaalamti ?

DEEBII:↪️ Miizaanaan.

781.◼️ Namni rabbitti amane guyyaa Qiyaamaa maaliin Galata galfama ?

DEEBII↪️: Jannata.

782.◼️ Jannanni eessatti argamti ?

DEEBII:↪️ Samaawaata keessatti argamti

783.◼️Ibiddi eessatti argamti ?

DEEBII↪️: Jala Jalee Dachitti argamti.

784◼️.Laggeenn Jannataa eessarraa madditi ?

DEEBII:↪️ Jannatal Firdawsi irraahi.

785.◼️ Laggeen jannataa duniyaa keessa yaa'an dubbadhu ?

DEEBII:↪️ Seyhaan
Jeyhaan
Niil
Furaat

786◼️. Garii laggeen jannata keessatti argamanii dubbaduu ?

DEEBII↪️: Laga Bishaanii
Laga Daymaa
Laga Aananii
Laga Farshoo/Farsoo

787◼️.Kowsar jechuun maal jechuudha ?

DEEBII↪️: Laga Jannata keessaa kan rabbiin Rasuulaaf kenne.

788◼️. Lagni Kowsar garamitti Yaa'a ?

DEEBII↪️: Gara Howdii rasuula rabbitti.

789◼️. Jannata keessa Du'uun ni jiraa ?

DEEBII↪️: Hin jiru.

790◼️. Jannata keessatti Namoota akkamiitu Baay'ata ykn Heddummaata ?

DEEBII:↪️ Namoota Addunyaa keessatti miskiinotaa fi lallaafoo turan.

791◼️. Ibidda keessatti namoota akkamiitu Baay'ata ykn heddummaata ?

DEEBII:↪️ Dubartoota.

792◼️. Ibiddi Jahannma maaliin qabsiifamti ?

DEEBII↪️: Namaa fi dhakaa irraahi.

793◼️. Durri nama jannata seenuu eenyu ?

DEEBII↪️: Nabi Muhammad SALLALLAAHU ALEYHI WASLLAM

794◼️. Garii maqaalee jannataa dubbadhu ?

DEEBII↪️: Daarussalaaam
Daarul Muqaam
Daaru Qaraar
Daarul Husnaa

795◼️. Maqaa Ol'aantuu jannataa dubbadhu ?

DEEBII◼️↪️: Firdawsi

796◼️. Jannaul Firdowsi Gara gubbaatiin maaltu akka argamu dubbadhu ?

DEEBII↪️: Arshii Rabbiiti.

797◼️. Jannatul Firdowsi keessatti Maqaa bootaa ol'aantuu dubbadhu ?

DEEBII↪️: Wasiilaa.

798◼️. Rasuulli keenya jannatul firdowsi keessaa eessa galan ?

DEEBII↪️: Iddoo Wasiilaa jedhamtuudha.

799◼️. Muka guddoo jannata keesaa kan deemsa waggaa 100tti jala hin dabarre dubbadhu ?

DEEBII↪️: Muka Xuubaa jedhamtuudha.

800.◼️ Hojjaan /Dheerinni warra jannataa kan eenyuu irratti taha ?

DEEBII↪️: Abbaa keenya Nabi Aadam ALEYHISSALAAM.

●QOPHEESSAAN:-
╭─┅─═ঊঈ═─┅─╮
💖By-Mu'aaz Abduleziz 💖
╰─┅─═ঊঈ═─┅─╯

✅️📚EDUCATION IS THE CENTER OF CIVILIZATION🎓

CHANNEL IMO ROOM
https://s.imoim.net/AxePtw?from=copy_link

CHANNEL TELEGRAM

✅️https://t.me/mueemanbeddelle

Mu'ee Islamic oromoo official

30/09/2025

Qiyaamaan hindhaabbattuu..hanga Muslimoonni____
=================

Abu Hureyran akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Qiyaaman hin dhaabbattu hanga Muslimoonni Ya*hu*doo*ta irratti lola (waraanaa) banannitti malee. Muslimoonni Ya*hud*oota ni ajj**eessu hanga namni yahuuda ta’ee dhagaa fi muka duubatti dhokatutti. Dhagaan yookiin mukni ni jedha, “Yaa Muslima, Yaa Gabricha Rabbii! Na duuba Yahuudatu jira, koottu ajj**ee*si. Garuu mukni Gharqad jedhamu hin dubbatu, inni muka Yahudoota waan ta’eef.” (Sahih Muslim 2922)

Want your university to be the top-listed University in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Adama