Barsiisaa Shamsuddin

Barsiisaa Shamsuddin

Share

10/06/2026

Hin aaru! Aarees Mana hin galu!
----
Otoon yaaduu bari'ee
Bariinan manaa bahee
Nan qaqqaba se'ee
Abdii faana dhahee

Hamman danda'u fiigee
Nan qabaaf abdadhee
Humna koof abdii koo
Dhabuu ergan hubadhee

Carraa kalee badde
Gaabbin hin baraaru
Kanin dhabeef gaddee
Dadhabbii koo hin aaru!
Carraan Namaa kumaa
Fuulduratti haa yaalu.
Aaree abdii kutadhee
Manattis hin galu!!

09/06/2026

Baajata biyya keenya bara 2010 irraa jalqabee:-
Bara 2010: Baajanni federaalaa Birrii biliyoona 320 ta’ee kan raggaasifame yoo ta’u, keessumattuu jijjiirama siyaasaatiin walqabatee baajanni dabalataa kan gaafatame ture.

Bara 2011: Baajanni federaalaa Birrii biliyoona 386.9 tti olguddate.

Bara 2012: Baajanni Birrii biliyoona 476 ta'eera.

Bara 2013: Baajanni Birrii biliyoona 561 ol ta'uun, yeroo jalqabaatiif bajanni waggaa birrii biiliyoona 500 ol caale.

Bara 2014: Baajanni Birrii biliyoona 786 ta’ee raggaasifame.

Bara 2015: Baajanni Birrii biliyoona 801 irra gahe.

Bara 2016: Baajanni Birrii tiriliyoona 1.08 gahe.

Bara 2017: Baajanni Birrii tiriliyoona 1.93 ol ta'uun guddina harka 20 ol ta'e agarsiise.

Bara 2018: Baajanni mootummaa rikoordii haaraa qabachuun Birrii tiriliyoona 2.34 gahe.

Want your business to be the top-listed Grocery Store in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Oromia
Adama
123@123