Biiftuu

Biiftuu

Share

02/07/2026

Gorsa Galgalaa:-

Namni obsu bishaan gingilchaatti baachuu danda'a. Kan irraa eegamu bishaanichi hamma cabbiitti jijjiiramu eeguu dha. Atis jireenya kee ammuma bukeessitee ammuma koof jedhee ammuma tolchee ammuma yoon nyaadhe malee du'een argama hin jedhiin. Hunduu adeemsaa fi obsa barbaada. Haanqaaquurraa (killeerraa) cuuciin (wucoon) akka argamu beekamaa dha. Haata'u malee cuuciin sun hanqaaquu cabsee otuu hin bahiin sardamtee ati yoo cabsite kan argattu cuucii miila lamaa qabdu otuu hin taane dhangala'oo keelloo wayii argatta. Rakkinni keenya inni guddaan maal akka ta'e beektaa?! 'eeguu' kan jedhamu hin jaalannu. Obsi nu keessatti hin uumamne. Obsi ni hadhoofti garuu dhumni ishee damma caalaa ni mi'oofti akkasumas gammachuu fiddee dhufti.

Galatoomaa!
Biiftuu

Photos from Biiftuu's post 01/07/2026

BAACOO
Gurbaatu maallaqa baafachaa jira karaa 'ATM' tiin isumaa lakkoofsa iccitii isaa itti galchaa jiru, jaalalleen isaa Baajaaj keessaa akka tasaa arginaan, billbila isaa irratti eergaa barreeffama gabaabaadhaan irratti eergite. Akkana jetti eergaan isii "yaa jaalalallee koo yoo nyaachaa jiraatte nyaata naaf eergi, yoo suuqirra jiraatte kaardii naaf eergi, yoo mana baankii jiraatte maallaqa naaf eergi" jetteen.
innis akkana jedheen"Bareeddu tiyya mana fincaanii keessan jiraa maaliin siif eerga?" jedhee barreesseef. Isheenis idduma dhaabbattutti rifattee hafte waan jettuun wallaaltee!

Yoo baacoon kun sitti tole baacoo biraan akka sibira gahuuf follow godhi.
👇
https://t.me/maf37fspainav

Want your business to be the top-listed Shop in Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Addis Ababa
Ababa