Jawar JM post

Jawar JM post

Share

09/05/2025

“Akkam jirta . Mee kanaa qilleensa irra nuuf olchi. Motummaan barsiisootaaf lafa mana jireenyaa kenineera Kan jedhu Ani barsiisaa university wallagatti . Lafa fudhachuuf ergaa gurmoofnee qarshii barbachisuu hundaa ergaa kanfallee gara waggaa 6 ol dha. Dursa Kara cooperative bank oromiyaa Akka birri galchinuu nuti himanii . Waggaa lama dura immoo lafa fudhachuuf cooperative bank oromiyaa irraa baftanii baankii siinqeetti galchuu qabduu nuun jedhaanii. Isaas ergaa gonee waggaa lama olfixneera. Amma immoo isiin barsiisoonni university fedeeraala jala jirtuu waan ta'eef warra fedeeraala jala jiraniif qajeelfamnii naannoo oromiyaa irraa lafa fudhatuu barsiisoonni jedhuu hin jiruu nuun jechuun bulchinsii magaalaa naqamtee waggootaa hangaa kana birrii keenyaas dhabnee lafa keenyaas osoo hin fudhatiin teenya. Haa ta'uu malee qajeelfamni jiru barsiisaan naannoo jiraatuu lafa mana jireenya haa keennamuuf Kan jedhuu qofa Kan jiru. Haluummaa kanaan barsiisoonni university biraas Kan lafa fudhatan. Kan university wallagaa adda godhuufi bulchiinsa magaalaa naqamtee Addaa godhuu mee maltuu jira.Osoo birrii sanaan ittiin hojjeennee ykn magaalaa irraa siiqnee lafa bitnee yoonaa waan guddaa ta'aa turee. Mee qilleensa irraa nuuf olchii.”
Copyright Jawar Mohammed

Photos from Jawar JM post's post 04/02/2025

Dhimma Dirree Dhawaa

- Dhimmii Dirree Dhawaa fanjiiwwan sirni Wayyaanee Oromoofi saboota biroo jiddutti awwaalee biraa kute keessaa tokko ta’uu yeroo heddu dubbachaa turre. Akkuma sirni sun kuteen fanjii san fashaleessuuf carraatu ture. Akkan biyyatti galeen Dirreen jeequmsa keessa waan turteef dhimmootan adda dureen irratti hojjadhe keessaa tokko ture. Marii Aaalimootafi Ugaazota waliin taasiserraahis hubannoo hedduu argachuu dandaheen ture. Dhimma kanarratti, kitaaba Hin Gaabbuu boqonnaa 8.3 keessatti yaaliwwwan taasisaa turre barreesseera.Dubbii Dirree Dhawaas ta’ee kanneen birootiif furmaata waaraa laachuuf fedhii hawaasa gama lamaatiin ture kan danqaa itti uume jaruma 'keenya'. Dhugaa dubbachuuf hoggansi gama Soomalee dubbii Dirree Dhawaas ta'ee kan Mooyyalee mariin furuudhaaf hayyamamoofi qophii turan.

- Dhimma silaa gaafa miirri hawaasaa furmaataaf qophii turee san danqaa itti ta’an amma maaf ajandaa godhan? Murni aangorra jiru kun fanjii Wayyaaneen awwaalte san achuma tursiisanii gaafa barbaachisaa ta’e fayyadamuuf kaayatan. Dhimma ‘seenaa’ Dirree Dhawaa amma dubbii taateen durattis dubbii qoqqotaa turan. Fakkeenyaaf ‘gaafilee Oromoo marii biyyoolessaaf dhihaate’ jedhame keessatti fanjiilee Wayyaaneen awwaalte kan akka Mooyyalee, Harariifi kkf hedduu balballoomsuu yaalanii turan, ummatatu jalaa qabuu dide malee. Akeekni fanjiillee kana tuttuqaniif immoo furmaata itti barbaaduuf miti. Akkuma warra isaan guddisee san madaa tuttuqanii Oromoofi saboota biraa walitti gaarreffachiisaa umrii dheerefachuudhaafi.

- Wanti namni yaadachuu qabu, Dirreen Dhawaa mootummaa naannoo of danda’ee isii bulchuu hin qabdu. Mootummaa Federaalaatiinn kallattiin bulti. Bulchiinsi magaalaa aangoo xinnaa tajaajila hawaasaa laachutti murtaa’e qaba. Magaalattiin galii ofii hin sassaabdu, federaalatu sassaaba. Imaammata diinaggeefi hawaasaas baasuu hin dandeessu. Kanaafuu kantiibaan magaalaa sanii, Dirree Dhawaa “dabarsee kennuu/ gurguruu” dhiisii baajata ishii irrattuu murteessuufi poolisii magaalattii ajajuufuu angoo hin qabu. Dirree Dhawaa ‘gurguruuf’ aangoo kan qabu mootummaa federaalaati. Kanaafuu dubbii Dirree Dhawaaf adda durummaan kan gaafatamuu qabu Abiy Ahmadi malee Shimallis Abdiisaas, Kadiir Jawaaris ta’ee Musxafaa Muhammad miti. Duulli kantiibicharratti godhamu akeekni isaa takkaahuu dubbii karaa maqsuuf yookin ammoo qaama walmorkii murnaa keessoo isaanii ta’uu mala. ( Namni dubbii seenaa tana adda durummaan tuttuqee kaase ammoo ifattii hogganaa siyaasaa fakkaatus, qondaala damee basaasaa buulessa, kana bara Wayyaanees ummata Dirree Dhawaa walitti buusaa tureedha. Dameen basaasaa ammoo kantiibaa ykn bulchiinsa naannoon osoo hin taane Muummicha Ministeeraatin ajajama.)

- Gorsi ani ummata keenya gama lamaanitiifuu qabu, dhimmi Dirree Dhawaas ta’ee kan biroos haala amma jiruun furmaata waaraa argachuu kan hin dandeenye ta’uu isaati. Murni angorra jiru akkuma wayyaneen leenjifatetti saboota walitti buusuuf malee furmaata waaraa fiduu hin feetu. Hawaasa Soomaleefi Oromoo walitti buusuuf wixxifataa akka jirtu argaa jirra. Atakaaroo Dirree Dhawaa kaasuun dabalta gama Baaleetiinis walitti buuftee jirti. Kanaafuu ummanni keenya murna badii tanaaf meeshaa ta'uun wal miidhuurra, ammaaf waliif obsuun gaafa tasgabbiin dubbiin furamuu dandeessu eeggachuutu wayya. Jawar Mohammed tin

Want your public figure to be the top-listed Public Figure in Cairo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Cairo