FiraaolNa

FiraaolNa

Share

13/08/2023

"Hin quufiin hin utaalan! Hin utaaliin hin caban!" jedhee
inni Oromoon mammaaku yoom soba ta'e? Gurbaan tokko
saantima liqimse. Saantimni sun qoonqootti rakkatte. Isa
booda wallaansa barbaachisu argachuuf gara Hospitaalaa
deeme. Qorannoon taasifameefii booda saantimni sun
tajaajila wallaansa baqaqsanii hodhuun malee keessaa
ba'uu akka hin dandeenye itti himame. Beellamni
kennameefii yeroon isaa yoo ga'u kutaa itti baqaqfamu
seene. Sodaa guddaa keessa ture.
Baay'ee akka inni sodaachaa jiru kan hubate dokterri
haasaa gabaabaa waliin taasise:
Doktera: Baay'ee waan sodaatte natti fakkaata.
Dhukkubsataa: Eyyee dokter baqaqfamuu caalaa maaltu
nama sodaachisa jetteeti?
Doktera: Hin sodaatiin. Hanga ammaatti namoota ani
baqaqsee hodhuun wallaane keessaa namni du'e tokko
qofa.
Dhukkubsata: Tole dokter! Hanga ammaatti namoota
meeqa baqaqsitee hodhiteetta?
Doktera: Ati lammaffaa kooti
🤣🤣
Dr Nafyad Getu
Dr. Gurmeessaa
Dr. Nuredin Luke
Dr Chocolate

Want your establishment to be the top-listed Arts & Entertainment in Cairo?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Cairo