Wbo
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Abdi Leta, Galmaa Uso
JL Monera
23/02/2026
Deemsa Warraaqsaa!
Qabsoon daandii salphaa miti; karaan ishee gufuu, danqaalee fi tirannaa hedduun guutameera. Garuu qabsoon dhugaa gufuu keessa ceʼuun malee galma hin gahu. Akka ibiddi sibiila qoru, rakkoon fi aarsaan qabsaʼaa ni qoru; ni jabeessu, ni bilcheessu.
Qabsaʼaan warraaqsa keessatti gahee isaa baʼachuun buʼaa baʼii hunda madaalee, aarsaa barbaachisu mara kaffalee, duub-deebii tokko malee kaayyoo isaaf dhaabbata. Inni harʼa rakkina keessa dhaabbatu, boru seenaa keessatti maqaa isaa barreessa. Sababni isaas, kaayyoon dhugaa hin duʼu; kan isaaf of wareege immoo seenaa keessatti ni jiraata.
Adeemsi qabsoo kaleessaa harʼa hin fakkaatu; kan harʼaas bor ni jijjiirama. Haalli yeroo, tarsiimoonii fi qindoominni ni haaromfamu; garuu kaayyoon kee yoo hin sharafamin, onneen kee yoo hin jilbeenfanne, daandii sirriin si geessa bakka yaadde.
Warraaqsi dhugaa of jijjiiruu, of sirreessuu fi fuulduratti tarkaanfachuudha. Yeroo gufuun si qunnamu abdii hin kutin; yeroo injifannoon si qunnamus of hin tuulin. Jabaadhu, cichadhu, kaayyoo kee hin dagatin — daandiin dheeraa taʼus, galmi isaa ni
jaal. Surraa Gindaabaa Akkawaaq
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Dubai